Addunyaan Finfinneerratti walgeesseetti yoo jedhame dhaadhessuu hin ta’u- Ambaasaaddar Mallas Alam
Finfinnee, Guraandhala 7, 2015(FBC)- Addunyaan Finfinneerratti walgeesseetti yoo jedhame dhaadhessuu hin ta’u jedhan Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam.
Ambaasaaddar Mallas Alam oolmaa guyyaa 2ffaa walga’ii Gamtaa Afrikaa ilaalchisuun ibsa laataniiru.
Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 36ffaaf hoggantoonni, Ambaasaaddaroonni akkasumas bakka buutonni biyyoota Awurooppaa, Eeshiyaafi ardiilee biroo argamuu eeraniiru.
Keessummoonni hundi addunyaan Ityoophiyaa keessatti walitti qabamuu ibsaniiru jedhan.
Kanaanis Ityoophiyaan magaalaa siyaasaa Gamtaa Afrikaafi magaalaa dippiloomaasii Afrikaa ta’uushee kan itti mirkaneessite ta’uu eeraniiru.
Walga’iin raawwachiistotaa guyyaa kaleessaa eegale har’as taateewwan garaagaraan itti fufuu kaasaniiru.
Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonnin Ministiroota Dhimma Alaa Gaaboon, Gaambiyaa, Maalawii, Liibiyaafi Tuuniziyaa waliin guyyaa har’aa dhimmoota gamlameerratti mari’achuu eeraniiru.
Obbo Dammaqaan ministiroota kanneeniif haala yeroo biyyaalessaa Ityoophiyaarratti ibsa taasisuus kaasaniiru.
Ityoophiyaan nageenyaaf bakka olaanaa kan laattu ta’uufi mootummaanis kutannoon hojjechaa jiraachuu addeessaniiru.
Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota kanneenis, biyyoonni isaanii Ityoophiyaa cinaa kan dhaabbatanii ta’uu eeruun, rakkoon Ityoophiyaa rakkoo biyyoota biroo, guddinni ishees guddina isaanii ta’uu ibsaniiru.
Cimina Ityoophiyaa kan barbaadan ta’uu obbo Dammaqaaf ibsuu Ambaasaaddar Mallas Alam dubbataniiru.
Walga’iin Gamtaa Afrikaa har’a guyyaa 2ffaa isaa kan qabate yoo ta’u, yeroo ittaanutti sadarkaa hoggantootaatti walga’ichi kan itti fufu ta’uu ibsameera.
Taarikuu Laggasaatu gabaase.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.