Naannawaan daldala Walabaa Afrikaa diinagdeen akka dandamatuu fi daldala saffisiisuuf tumsa-Antooniyoo Peediroo
Finfinnee, Guraandhala 8, 2015 (FBC)- Afrikaatti Barreessaa Eeggataa Koomishinii Gamtaa Awurooppaa Antooniyoo Peediroon Naannawaan Daldala Walabaa Afrikaa diinagdeen ardichaa akka dandamatuu dadammaqsuu, daldala saffisuu, indaastirii babal’isuuf akkasumas dandeettii cimsuuf humna akka ta’u amantaa qaban ibsan.
Walga’iin Mana Maree Hoji Raawwachiistotaa Dhaabbii Gamtaa Afriikaa 42ffaa gaggeeffamaa jirurratti Antooniyoo Peediroon haasawaa taasisaniin, barana fi bara faranjootaa 2024 dhufu Afrikaan kutaalee addunyaa biroo caalaa guddina diinagdee %3.9 akka galmeessistu ibsan.
Naannawaan Daldala Walabaa Afrikaas gabaa ardichaa, fuuncaa dhiyeessii alaa waliin walitti hidhuun daldala ce’aa gaggeessuuf riqichaa akka ta’u himaniiru.
Damee oomishaatiin abbootii qabeenyaa invastimantiirratti bobba’an afeeruun dhiyeessii bu’uuraa akka qorichootaa, nyaataa fi xaa’oo biyyee fa’aa dandeettii ofiin oomishuu akka gabbifattus ibsaniiru.
Naannawaa daldalaa walabaa Ardii Afriikaa dhugoomsuuf waliigaltee kan hinmallatteessine biyyoonni miseensota Gamtaa Afrikaa 10 akka raggaasisan waamicha dhiyeessaniiru.
Yoonaattaan Yooseef
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.