Fana: At a Speed of Life!

Awutoobisoonni Shaggar barsiisoota fi hoggaantoota manneen barnootaa Finfinneef tajaajila akka kennan murtaa’ee

Finfinnee, Gurandhala 8, 2015 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti Awutoobisoonni Shaggar barsiisoota fi hoggaantoota manneen barnootaa magaalichaf tajaajila akka kennan murtaa’ee.

Kana dura barsisoota bulchinsa magaalaa finfinneetti argamaniif tajaajilla geejibaa Awutoobisii Ambaassaa fayyadamaa turuun ni yaadatama.

Haalumaa kanaan Autoobisiin Ambaassaa fi Shaggar tokkumaa uumuu isaaniitiin, Wixata dhufu, Guraandhala 13, 2015 irraa eegalee barsiisoonni waraqaa eenyumaa kana duraa fayyadaman turaniin tajaajilaa argachuu akka danda’an murtaa’uun ibsameera.

Kana malees, tajaajilichaan walqabatee dhimmoota barsiisootarraa dhiyataaniirratti mari’atamuun, fuulduraatti rakkoolee jiran qorannoon furuuf koreen qorannoo hundaa’uun hojiitti galamuu ragaan Biiroo kominiikeeshinii magaalichaarraa argame ni ul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.