Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila qaraxaa fi taksii irraa bilisaan Birrii biiliyoona 2.1 hambisuun akka danda’ame ibsame

Finfinnee, Guraandhala 7, 2015 (FBC)- Ministeerri Maallaqaa raawwii baatiiwwan ja’an darbanitti tajaajila qaraxaa fi taksiirraa bilisaan Birrii biiliyoona 2.1 hambisuun akka danda’ame ibse.

Ministeerrichi gabaasaa rawwii baatiwwaan ja’an darban dhiyeesseen akka ibsetti, baatiiwwan jahan darbanitti, hojiin dhaabbiilee misoomaa mootummaa gara qabiyyee dhunfaatti jijjiruu hojjetamuu eereera.

Halumaa kanaan, Ityoo Teeleekoomiin %40 fi warshaalee sukkaraa abboottii qabeenyaatti gurguruuf caalbaasii baasuu yadaachiseera.

Hojii bu’aa qabeesuummaa Dhaabbiilee Misoomaa Mootummaa fooyyeessuuf hojjetameen, dhaabbiilee harka mootummaa jiranii fi gurguraman irraa galiin Birrii miiliyoona 179.4 fi dhaabbiilee gurguraman irraa immoo galiin Birrii miiliyoona 298.5 argamuu ibsameera.

Kaffaaltii elektrooniksii mootummaa guddisuuf hojiilee hojjetamaniin, kaffaltiiwwan mootummaa sirnoota dijiitaalaan deeggarameen saffisaa, baasii qusataa fi fayyadamoo taasisuun akka kennamuuf Baankii Daldalaa Ityoophiyaa waliin waligaltee mallatteessuu yadaachiseera.

Halumaa kanaan, kaffaaltii elektirooniksii irraa galiin Birrii miiliyoona 37.5 walitti qabamuun ibsameera.

Dabalatanis baatiiwwan ja’an darbanitti tajaajila qaraxaa fi taksii irraa bilisaan Birrii biiliyoona 2.1 hambisuun akka danda’ame ibsameera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.