Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessii manneenii fi bulchiinsa lafa magaalaarratti bu’aa gaariin galmaa’eera jedhame

Finfinnee, Guraandhala 7, 2015 (FBC)- Baatiiwwan ja’an darbanitti dhiyeessii manneenii fi sirna bulchiinsa lafa magaalaarratti bu’aa gaariin galmaa’uun ibsame.

Gabaasni raawwii Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa akka argisiisuutti naannolee fi bulchinsa magaalotaa biyyattiitti, dhiyeessiin manneen mootummaa, riil isteetii, dhuunfaa fi waldaalee, raawwii fooyya’aa argisiiseera.

Baatiiwwan ja’an darbanitti dameelee hundaatti manneen haaraa kuma 119 fi 126 ijaaruuf karoorfamee, manneen kumni 88 fi 562 ijaaramuun ibsameera.

Manneen baadiyyaa sadarkaa isaanii eeggatan kuma 50 ijaaruuf karoorfamee manneen kuma 69 fi 817 ijaaramuun ibseera.

Waliigahiinsi manneen mootummaa sirna ragaa ammayyaa’aan gurmaa’anii %50 ga’uu ministeerichi beeksiseera.

Sirna bulchiinsa lafa magaalaa diriirsuunis lafa misoomaa tajaajila garaagaraaf oolan hektaara kuma 5.6 qopheessuun dabarsuuf karoorfamee keessaa lafa hektara kuma 4.9 dabarsuun eerameera.

Qabiyyee lafaa hektaraa kuma 6 weerara lafaarraa walaboomsuuf karoorfame hektaara kuma 6 fi 146 weerararraa walaboomsuun akka danda’ame ibsameera.

Qabiyyee lafaa sanada hinqabne kuma 10 addaa baasuuf karoorfame keessaa kuma 10 fi 4 addaa baasuun akka danda’ames ibsameera.

Lafa hektaara kuma 172 fi 1 73 galmeessa qabeenyaa lafaan walqabatanii fi uwwisa kaadaasataaraa kennuuf karoorfamee lafa hektaara kuma 109 fi 844 kennamuu ibsameera.

Baatiiwwan ja’an jalqabaa bara 2015tti lafa hektaara kuma 5 fi 600 ramaddii fi caalbaasiin fayyadamtootaaf dhiyeessuuf karoorfamee lafa hektaara kuma 4 fi 923 ol akka dhiyaatu taasifamuun raawwiin isaan %87.91 ta’uun himameera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.