Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Gargaarsaa Ameerikaa dhaabbilee barnootaa fayyaaf deeggarsa taasise

Finfinnee, Guraandhala 3, 2015 (FBC)- Dhaabbanni Gargaarsaa Ameerikaa (USAID) dhaabbilee tumsitootaa waliin ta’uun dhaabbilee barnoota fayyaa 29 Ityoophiyaatti argamaniif deeggarsa meeshaalee Birri miiliyoona 16’tti tilmaamamu taasiseera.

Deeggarsichis koolleejjota shan fayyadamtootaa ni taasisaa jedhameera.

Deeggarsichas Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa fi Bakka Bu’aan Dhaabbata Gargaarsaa Ameerikaa Joonaattan Rooz dhaabbileef dabarsaniiru.

Meeshaaleen deeggarsa barnootaa Birrii miiliyoona 16 baasii kan itti ta’e yoo ta’u, deeggarsichis ogeeyyii fayyaa ga’umsa qaban horachuuf adeemsa jiruuf gumaachaa qabaachuun ibsameera.

USAID tumsitoota garaagaraa waliin ta’uun damee fayyaa Ityoophiyaa deeggaruuf sagantaa waggoota shanii hojiirra oolchaa jiraachuu TOI gabaaseera.

Sagantichis waggoota shaniin dura kan eegale yoo ta’u, hanga ammaatti sagantichaan meeshalee laabiraatoorii kuma 1 fi 380 ol, awutoobiisota 13, kompiwuutaroota kuma 1 fi 190 akkasumas kitaabilee fayyaarraatti xiyyeeffatan kuma 12 ol dhaabbilee barnoota olaanoo 52 oliif deeggarsa taasisuun eerameera.

Ministirri Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan wayita walharkaa fuudhiinsichatti, galmoonni fayyaa waaraa akka milkaa’an ogeeyyii ga’umsa qaban horachuuf xiyyeeffaannaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Waliin gahiinsa barnoota fayyaa irratti bu’aalee jajjabeessoon galmaa’anillee rakkoon qulqullinarratti mul’atan hambisuuf tumsa olaanaa qaba jedhaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.