Fana: At a Speed of Life!

Sosochii seeraan alaa ittisuu fi to’achuun olaantummaa seeraa mirkaneessuuf murannoon ni hojjenna – BMBGG

Finfinnee, Guraandhala 3, 2015 (FBC) – Bulchiinsi Mootummaa Beenishaanguul Gumuz haala yeroo ilaalchisuun ibsa laateera.

Bulchiinsi mootummaa naannoo Beenishaanguul Gumuz biyyattii gara jeequmsaatti galchuun bu’aan argamu waan hin jirreef adeemsa nagaa hordofuun hundarraa kan eegamu ta’uu ibseera.

Garaagarteen tibbana mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa (Tawaahidoo) Ityoophiyaa gidduutti uumame hordofee mootummaan rakkichi mariin akka furamu ejjennoo qabatee hojjechaa jiraachuu ibseera.

Mootummaan Beenishaanguul Gumuzis dhimmichi karaa hojmaata keessoo amantichaan akka hiikkatu waamicha dhiyeessuu himeera.

Qaamoleen waldhabdee uumame kana akka carraatti fayyadamuun hokkoraa fi jeequmsa uumuuf hojjetaa jiran jiraachuu hubachuun murteessaa ta’uu eereera.

Dhimmichi dhimma amantii bira darbuun humnoonni keessaa fi alaa carraa kana fayyadamuun ergama isaanii raawwachuuf qindoominaan hojjechaa jiraachuu ragaaleen kan mul’isan ta’uu eereera.

Mootummaan Beenishaanguul Gumuz amantaa daheeffachuun sochii nageeyaa fi tasgabbii biyyaa booressuuf taasiifamuu hunda kan balaaleffatu ta’uu hubachiiseera.

Mootummaan naannichaa sosochii seeraan alaa kamiiyyuu ittisuu fi to’achuuf, olaantummaa seeraa mirkaneessuuf itti gaafatamummaa isaa kan ba’u ta’uu yaadachiiseera.

Murtoo Humni Waloo nageenyaa tasgabbii fi nageenya lammiilee kabachiisuuf baase raawwachiisuu fi tumsuuf murannoon kan hojjetu ta’uu himeera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.