Fana: At a Speed of Life!

Egzibiishinii fi baazaariin Magaalaa Finfinnee 2ffaan eegalame

Finfinnee, Guraandhala 2, 2015 (FBC)- Egzibiishinii fi baazaariin Waldaalee Hojii Gamtaa Magaalaa Finfinnee 2ffaan Giddugalaa Egzibiishinii Finfinneetti eegalame.

Egzibiishinicha kan eegalchiisan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen, waldaalee hojii gamataa cimsuun hawaasa deeggaruudha jedhan.

Kana malees, Magaalaa Finfinneetti sirni gabaa haqa qabeessi akka mirkanaa’uufi dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa namtolchee tasgabbeessuuf gahee olaanaa akka qaban ibsaniiru.

Dabalataan, gabaa Dilbataa fi suuqiiwwan shamattootaatti oomishaa fi shaqaxoota hawaasan ga’uuf waldaaleen hojii gamtaa gahee olaanaa akka qaban gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Aadde Adaanech hunduu waliin jireenya cimsuun hojiilee jireenyaa ummataa tasgabbeessaan malee gochaalee hammeessan irratti akka hinbobbaanes dhaamaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.