Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan imalaa “Imala Hidha Haaromsaa” eegale

Finfinnee, Guraandhala 2, 2015 (FBC)- Sagantaan imalaa deeggarsa hawaasni hidha haaromsaa guddichaaf qabu cimsuufi galiiwalitti qabuurratti kaayyeffate “Imala Hidha Haaromsaa” jedhu guyyaa har’aa eegaleera.

Saganticha Waajjirri Qindeessaa Ijaarsa Hidha Haaromsaafi Dhaabbanni Tola Oolaa Baraaraa Seenaa, aadaafi hambaa Ityoophiyaa jedhamu waloon qopheessuu ibsameera.

Hoggantoota olaanoo bulchiinsa magaalaa Finfinneefi keessummoota kabajaa hirmaattota imalichaa ta’aniif gaggeessaan taasifamuu eerameera.

Imalichi ji’a tokkoo oliif kan turu ta’uufi magaalota naannolee 50fi aanaalee biroo keessatti kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Daayrektarri Olaanaan Waajjira Qindeessaa Piroojektii Hidha Haaromsaa Ityoophiyaa Dooktar Aragaawii Bariheen, ijaarsa hidhichaaf deeggarsi Ityoophiyaanonni taasisan cimee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.

Hojiilee misoomaa garaagaraa tokkummaan waltumsuun waliin hojjennaan Ityoophiyaan sababa hin guddanneef hin qabdu jechuu TOI gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.