Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa shaggar magaalaa hawwattuufi foolii Oromummaa urgooftu taasisuuf hojjetamaa jira – Dooktar Tashoomaa Addunyaa

Finfinnee, Guraandhala 1, 2015 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa malkaa noonnootti hojiin guyyoota 100 keessatti raawwatamaa turan daawwatamaniiru.
Bulchiinsa Magaalaa shaggar kutaan magaalaa malkaa noonnoo erga hundaa’ee hojiiwwan hojjetaman jila kantibaa magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan durfamuun daawwatameera.
Hojileen misoomaa kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootii hojjetamaa jiranis rakkoo jiraattota magaalichaa kan furun ta’uu eerameera.
Hojiilee guyyoota 100 darban keessatti akka magaalichatti hojjetaman manneen barnootaa bu’uuraa, mana jireenyaa harka qalleeyyiifi daandiwwan ijaaramaa jiran yeroo qabameef keessatti xumuramuun hawaasaaf tajaajila kan kennudha jedhame.
Daandii asfaaltii km 1.6 kan dheeratu hirmaannaa uummataatiin kan hojjetamaa jiraachuu eerameera.
Daandii kun Birriin miliyoona 185 ummatarraa walitti qabameen hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Magaalaa Shaggar magaalaa nama hundaaf mijata ta’e taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu Bulchituu Olaantuun kutaa magaalaa Malkaa Noonnoo Aadde Roozaa Maammad himaniiru.
Magaalaa shaggar magaalaa hawwattuufi foolii Oromummaa urgooftu taasisuuf hojii eegalame galmaan gahuuf cimnee kan hojjennudha jedhan Kantibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan.
Bahayiluu Baaneetu gabaase.
#Oromiyaa #Bulchiinsa Magaalaa Shaggar
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.