Fana: At a Speed of Life!

Milkaa’inoonni baatiiwwan 6 darbanitti argaman akka itti fufaniif xiyyeeffannoon ni hojjetama- Obbo Awwal Arbaa

Finfinnee, Guraandhala 1, 2015(FBC)- Naannoo Afaaritti milkaa’inoonni baatiiwwan 6 darbanitti gama nageenyaafi misoomaan argaman akka itti fufaniif xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Awwal Arbaan ibsan.

Yaa’iin idilee 3ffaa bara hojii 2ffaa Mana Maree 6ffaa naannichaa magaalaa Samaraatti gaggeeffamaa jira.

Obbo Awwal Arbaan hojiilee gurguddoo naannichatti baatiiwwan jahan darbanitti gama bulchiinsa gaariin, misooma hawaasummaafi diinagdeen hojjetaman mana marichaaf dhiyeessaniiru.

Walitti bu’iinsa naannawaa daangaa naannolee ollaa Amaaraafi Oromiyaatti mudachaa turan hambisuuf hojiileen hariiroo uummataa cimsuu danda’an hojjetamuu gabaasichaan dhiyaateera.

Nageenya Kaaba Ityoophiyaatti argame cimee akka itti fufuuf mootummaan naannichaa olaantummaa seeraa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo kennee kan hojjetu ta’uu Obbo Awwal gabaasa dhiyeessaniin ibsaniiru.

Kanaaf ammoo kutaaleen hawaasaafi hoggantoonni hawaasaa ga’ee mataasaanii akka ba’atan waamicha dhiyeessaniiru.

Naannichatti baatiiwwan jahan darbanitti gama misooma diinagdeenis hojiileen milkaa’ina qaban hojjetamuu ibsuusaanii miidiyaan naannichaa gabaaseera.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.