Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Girmaa Amanteen Ityoophiyaatti Bakka Buutuu Dhaabbata Nyaataafi Qonnaa Addunyaa Faaraay Ziimoodiizii waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 1, 2015(FBC)- Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen Ityoophiyaatti Bakka Buutuu Dhaabbata Nyaataafi Qonnaa Addunyaa Faaraay Ziimoodiizii waliin mari’ataniiru.

Dooktar Girmaan Kutannoo dhaabbatichi damee qonnaa deeggaruuf qabu dinqisiifachuun, dhimmoota deeggarsaafi xiyyeeffannoo addaa barbaadan irratti ibsa taasisaniiru.

Bakka Buutuun Dhaabbata Nyaataafi Qonnaa Addunyaa Faaraay Ziimoodiiziin gamasaaniin, dhaabbatichi deeggarsa damee qonnaaf taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Rakkoolee jijjiirama qabeenya qilleensaan uumaman, misooma midhaaniifi beelladootaa irratti dhaabbatichi Ministeera Qonnaa waliin kan hojjetu ta’uu eeraniiru.

Anga’oonni lameen kutannoon hojjechuuf waliigalteerra ga’uus ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.