Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti kitaabileen barnootaa miiliyoonni 7 ol maxxanfamuun raabsamaa jiru – BBO

Finfinnee, Guraandhala1, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti kitaabileen sirna barnootaa haaraan miiliyoonni 7 ol maxxanfamuun raabsamaa jiraachuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksiise.

Kitaabileen barnoota idilee durfaa fi idilee kutaa 1ffaa hanga 8ffaa sirna barnootaa haaraan maxxanfamuun raabsamaa jiraachuu Hogganaa Itti aanaan Biirichaa Obbo Girmaa Baayyisaan ibsaniiru.

Kitaabileen qajeelcha barsiisaa maxxanfamuun Manneen barnootaa hundaaf raabsamuu Obbo Girmaan ibsaniiru.

Kitaabileen miiliyoonni 7 fi kumni 35 ol maxxanfamanii raabsamaa jiraachuu dubbataniiru.

Kitaabilee maxxanfaman keessaa miiliyoonni 5.1 manneen barnootaa qaqqabuu kaasaniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.