Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Gaambeellaatti gamaaggamni raawwii karoora baatiiwwan jahan darbanii gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 1, 2015(FBC)- Naannoo Gaambeellaatti gamaaggamni raawwii karoora baatiiwwan jahan darbanii gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Waltajjii gamaaggamichaarratti Pireezidaantii naannichaa obbo Umood Ujuluu dabalatee miseensonni kaabinee naannichaafi hoggantoonni dhaabbilee garaagaraa argamuu ibsameera.

Karoorri misoomaa waggoottan 10 naannichaa gara hojiitti erga galee waggoota sadii lakkoofsisuu Komishinarri Komishinii Pilaaniifi Misoomaa naannichaa obbo Ulaang Gaach ibsaniiru.

Waajjiraaleen raawwachiistotaas karoora misoomaa waggoottan 10 ka’umsa godhachuun karoora bara 2015 qopheessuun hojiirra oolmaasaaf hojjechaa jiraachuu ibsuusaanii ragaan kominikeeshinii naannichaarrraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.