Fana: At a Speed of Life!

Rakkolee abbootii qabeenyaa invastimantiirratti bobba’anii furuun xiyyeeffannaa argachuu qaba-Obbo Dammaqaa Mokonnin

Finfinnee, Amajjii 30, 2015 (FBC)- Rakkolee abbootii qabeenyaa biyya alaa biyya keessatti hojiilee invastimantiirratti bobba’anii furuun dhimma xiyyeeffannaa argachuu qabu ta’uu Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqa Mokonnin ibsan.
 
Hawwannaa invastimantii alaa dabaluu fi damechaarratti rakkoolee mul’atan furuuf mariin imaammataarratti xiyyeeffate Magaalaa Kombolchaatti gaggeeffameera.
 
Waltajjicharratti Obbo Dammaqaan, rakkoolee abbootii qabeenyaa biyya keessatti hojiilee invastimantiirratti bobba’anii sirnaan furuun dhimma xiyyeeffannaa argachuu qabu ta’uu himan.
 
Haaluma kanaan hoggantoonnii fi hojjettoonni mootummaa sadarkaan jiran komiiwwan abbootii qabeenyaarraa ka’an ariitiin furuu hojimaati dandeessisu diriiruu akka qabu akeekaniiru.
 
Yaa’iinsa invastimantii alaa dabaluufis biyya keessatti haala mijataa uumuu garasitti misiyoononni hojii beeksisaa qindaa’aa akka hojjetan eeruu ragaan Waajjira dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
 
#Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.