Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo nageenyaa godinaalee Lixa Oromiyaatti qaamoolee hidhateen ga’aa jiru dhaabsisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2012 (FBC) – Rakkoo nageenyaa godinaalee Lixa Oromiyaatti qaamoolee hidhateen ga’aa jiru dhaabsisuuf tarkaanfiin fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uu Koomishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.
 
Mootumman olaantummaa seeraa kabachiisuuf of eeggannoon tarkaanfii fudhachaa jiraachuu itti aanaa Koomishinariin Koomishinii Poolisii Oromiyaa Girmaa Galaan ibsa haala yeroo irratti laataniin himaniiru.
 
Tarkaanfiin fudhatamaa jiru Poolisii Federaalaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin ta’uun akka ta’e ibsaniiru.
 
Itti aanaan Koomishinarichaa miseensoonni ABO shanee lammiilee nagaa, miseensoota Poolisii fi lammilee alaarratti ajjeechaa raawwachaa jiru jedhan.
 
Haleellaa qaamooleen kunneen fudhachaa jiraniin lammiileen hedduun qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniiru jedhan ibsa isaaniin.
 
Keessattuu dubartoota irra sarbamni mirga namoomaa fi gudeeddii hamaan ga’aa jiraachuu mirkanaa’eera jedhan.
 
Tarkaanfiin Poolisiin yeroo ammaa fudhataa jiru gochaa isaaniin kan wal hin ginne tarkaanfii gadi aanaa ta’uu ibsa laataniin himaniiru.
 
Miseensoota ABO shanee hidhatanii haleellaa raawwachaa jiran kanneen qaamooleen Loojastikii fi kanneen biroon deeggarsa taasisaa jiran jiraachuu isaanii ibsuun, dhimma kana ilaalchisee Poolisiin qorannoo taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Bu’aan qorannoo kanaans ummataaf kan ifoomu ta’uu Itti aanaan Koomishinarichaa ibsaniiru.
 
Xibabasillaasee Jambaruutu gabaase
 
 
 
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.