Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Dhimma Alaa miidhaa kirkira lafaa Turkiitti qaqqabeen gadduu ibse

Finfinnee, Amajjii 29, 2015 (FBC)- Ministeerri Dhimma Alaa kirkira lafaa Turkii Kibbaatti har’a ganama mudateen lubbuun darbuu, madaa’uu fi qabeenyi manca’uu ilaalchisee gadda itti dhagaa’ame ibse.

Ministeerichi maatii namoota lubbuun darbaniif gaddaa itti dhaga’me ibsuun, lammiilee miidhaan irraa qaqqabes dafanii akka dandamatan hawwuu ibsuu ragaan ministeerichaarraa argame ni mul’isa.

Miidhaa qaqqabeen walqabatee deeggarsa barbaachisuuf Ityoophiyaan, mootummaa fi ummata Turki cinaa akka dhaabbattu ministeerichi ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.