Aadde Adaanech Hoji Raawwachiisaa Inistiitiyuutii Qabeenyaalee Addunyaa waliin mari’atan
Finfinnee, Amajjii 29, 2015 (FBC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee hoji raawwachiisaa Inistiitiyuutii Qabeenyaalee Addunyaa Anii Dasaaguupataa fi garee jilaa isaanii waliin mari’atan.
Marii isaaniinis dhimmoota walta’iinsaan hojjechuu danda’anirratti marii bu’aa qabeessaa taasisuu Aadde Adaanech toora miidiyaa hawaasummaa isaaniin kan ibsan.
Tumsa cimsuun walta’iinsa jiruu sadarakaa tarsiimawaa fi qindaa’aatti guddisuuf akkasumas karoora misoomaa tarsiimawaa fuulduraa bocuuf, sirna bulchiinsa qindaa’aa ragaarratti bu’uureffate diriirsuuf kan dandeessisu kuusaa ragaalee ijaaruuf akka deeggarsa taasisan ibsaniiru.
Akkasumas daa’immaan abdii borii Magaalaa Finfinnee kunuunsaan guddisuu fi ijaarsa dhalootaaf magaalaa filatamtu taasisuuf mul’ata jiru, gama maraan deeggarsa taasisuuf waliigalteerra ga’uu himaniiru.
Gareen jilichaa tumsa, eeyyamummaa fi kaka’umsa argisiisaniif Aadde Adaanech galateeffataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.