Oromiyaatti barattoonni miiliyoonni 4.7 fayyadamtoota tajaajila nyaata barattootaa ta’uu ibsame
Finfinnee, Amajjii 29, 2015(FBC)- Naannoo Oromiyaatti barattoonni miiliyoonni 4.7 fayyadamtoota tajaajila nyaata barattootaa ta’uu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.
Barattoonni sababoota nam-tolcheefi uumamaan barumsa isaanii addaan akka hin kunneef hordoffii barbaachisaan taasifamaa jiraachuu Ittaanaan Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Girmaa Baayisaan Faanaa Biroodkaasting Koorporeettitti himaniiru.
Keessumaa barattoonni iddoowwan hongeen mudatetti argaman barnoota isaaniirraa akka hin danqamneef qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Naannichatti Bara baajataa kanatti barattoota miiliyoona 7.5 fayyadamoo tajaajila nyaata barattootaa taasisuuf gara hojiitti galamuu kaasaniiru.
Yeroo ammaa barattoonni miiliyoonni 4.7 fayyadamoo tajaajila nyaata barattootaa ta’uu dubbataniiru.
Barattoonni manneen barnootaa mootummaa idileen duraafi kutaa 1-4 jiran fayyadamoo tajaajilichaa ta’uu kaasaniiru.
Malaakuu Gadiftu gabaase.
#Oromiyaa #Oromia #Ityoophiyaa #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.