Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi uffatalee Birrii miiliyoona 5tti tilmaammamu dhaabbilee tola ooltootaaf gumaache

Finfinnee, Gurraandha 28, 2012 (FFBC) – Ministeerri Galiiwwaanii uffatalee Koontiroobaandii qabaman Birrii miiliyoona 5tti tilmaammamu dhaabbilee tola ooltootaaf gumaache.

Ministeerichi guyyaa dubartoota addunyaa (March 8) sababeeffachuun dhaabbilee tola ooltootaa 4 dubartootanni hundeessaniif gumaacheera.

Ministirri Ministeera Galiiwwanii aadde Adaaneech Abeebee sirna wal harkaa fudhiinsaarratti haasawaa taasisaaniin, faayidaa ummataa fi mootummaa miidhuuf qaamolee sochii Koontiroobaandii taasisaan irratti tarkaanfiin fudhatamu itti fufa jedhaniiru.

Qaamoolee Koontiroobaandii sosochosan to’achuun buufatalee guumruukaa qofaan osoo hin taanee, hawaasnis qooda isaa ba’uu qaba jedhan.

Hojiin Koontiroobaandii diinagdee fi nageenya biyyarratti miidhaa cimaa waan qabuuf dura dhaabbachuun dirqama qaama hundaa ta’uu qaba jedhan.

Baatiwwan 6 darbanitti sochii koontiroobaandii to’achuuf hojii hojjetameen meeshaaleen Birrii biiliyoona 1.2 ta’an to’atamuu isaanii ibsameera.

Sooddoo Lammaatu gabaasee

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.