Korichi Ityoophiyaatti deeggarsa namoomaa taasisuu cimsee akka itti fufu ibse
Finfinnee, Amajjii 17, 2015 (FBC)- Koreen Qaxxaamura Diimaa Idil Addunyaa Ityoophiyaatti deeggarsa namoomaa taasisuu cimsee akka itti fufu ibse.
Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, Pireezidaantii Koree Qaxxaamura Diimaa Idil Addunyaa Mirjaanaa Ispoljaariik waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin Obbo Dammaqaan Mootummaan Ityoophiyaa waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa hojiirraa oolchuu fi tajaajiloonni bu’uraa sababa walitti bu’iinsaan kutaa Kaabaa biyyatti addaan citanii turan deebi’anii eegaluu kaasaniiru.
Deeggarsi namoomaa taasifamaa jiraachuu fi gufuu tokko malee dhaqqabsiisuuf tarkaanfiileen fudhamaa jiraachuu eeraniiru.
Koreen Qaxxaamuraa Diimaa Idil Addunyaa fi dhaabbileen tumsitootaa biroon deeggarsa taasisan akka itti fufaan Obbo Dammaqaan gaafataniiru.
Mirjana Isporlatik gama isaaniin, Korichi deeggarsaa namoomaa taasisuu cimsee akka itti fufu mirkaneessaniru.
Waliigaltee nageenyaa Piritooriyaa hordofees haalli Ityoophiyaa keessaa abdii qabeessaa ta’uu eeranii, Korichi Ityoophiyaa naannawaa hundaatti lammiilee deeggarsi namoomaa barbaachisuuf taasisuu akka itti fufu ibsuu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.