Dhaabbanni Awutoobisii Ambassaa fi Shaggar walitti makaman
Finfinnee, Amajjii 16, 2015 (FBC)- Dhaabbanni Awutoobisii Magaalaa Ambassaa fi Tajaajilli Geejjibaa Shaggar, Dhaabbata Tajaajila Awutoobisii Finfinnee jedhamuun dhaabbata tokkoo ta’uun walitti makaman.
Hoji Gaggeessan Dhaabbatichaa Obbo Gizaawu Alamuu FBC’f akka ibsanitti dhaabbileen tajaajila geejjiba Magaalaa Finfinnee kennaan kunneen kan walitti makaman wayita qofa qofaatti tajaajila kennan qisaasama uumamu hir’isuufi.
Keessumaa dhaabbileen lameen tajaajila walfakkaataa kennaa, buufata kuusaa boba’aa, wiirtuu qaama jijjiirraa, humna namaa fi tajaajiloota biroo waan fayyadamaniif qisaasama qabeenyaa olaanaa hordofsiisuu eeraniiru.
Haaluma kanaan walitti makamuun dhaabbilee kunneen bobbii tajaajila geejjibaa magaalattii kennamani irratti irra-deddeebii hinbarbaachifne hambisuun tajaajila geejjibaa saffisaa kennuuf kan tumsu ta’uu ibsan.
Haaluma kana karaa bittinnaa’een tajaajilaa kennaa kan turan Dhaabbanni Awutoobisii Ambassaa fi Shaggar, Dhaabbata Tajaajila Awutoobisii Magaalaa Finfinnee jedhamuun walitti makamuu mirkaneessaniiru.
Malaakuu Gaddiftu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna