Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan nageenya uummataa kabachiisuuf yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannoon hojjechaa jira-BKO

Finfinnee, Amajjii 16, 2015 (FBC) –Mootummaan nageenya uummataa kabachiisuuf yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibse.

Biirichi marii tibba darbe Hawaasa Godinaalee Wallaggaa waliin gaggeeffamaa ture ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laateera.

Ibsichaa kan Kennan Hogganaan Biirichaa Obbo Hayiluu Addunyaan Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Lixa Oromiyaatti hawaasa godinaalee garaagaraa waliin marii bu’aa qabeessa taasiisuu ibsan.

Jilli kun kutaalee hawaasaa aanaalee fi magaalota Godinaalee Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaa fi Qeellem Wallaggaa irraa walitti dhufan waliin dhimmoota nageenyaa, bu’uuraalee misoomaa, carraa hojii dargaggootaa, qaala’insa jireenyaa, gochoota finxaaleyyiifi kan biroorratti marii bal’aa taasisuu Obbo Hayiluun ibsaniiru.

Dhimmoota gama mootummaan hojjetamuu qabanirratti hawaasa waliin hojjechuuf walhubachuu fi waliigalteerra ga’amuu kaasaniiru.

Dhimma nageenyaan walqabatee mootummaan nageenya uummataa kabachiisuuf yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru kan ibsan obbo Hayiluun, qaama karaa nagaa socho’uu barbaadu kamiifuu karri mootummaa banaa ta’uu fi mootummaan simachuuf qophii ta’uu himaniiru

Haata’u malee, mootummaan nageenya hawaasaa eegsisuuf qaama nagaa hin feene irratti olaantummaa seeraa kabachiisuuf dirqama isaa akka bahu ibsaniiru.

Bu’uuralee misoomaafi carraa hojii uumuun walqabatee mootummaan Godinaalee Lixa Oromiyaa keessatti baajeta guddaa ramaduun pirojektoota gaaffii hawaasaa yeroo dheeraa deebisan, dargaggootaa fi dubartootaaf carraa hojii uumuu danda’aniifi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan kan eegalchiise ta’us piroojektoonni kunneen sababa rakkoo nageenyaa muudateen haala barbaadameen deemuu hin dandeenye jedhan.

Mootummaan qaala’insa jireenyaa hir’isuuf hojiiwwan gara garaa hojjechaa jira kan jedhan obbo Hayiluun, gochoota finxaaleyyii ittisuun nageenya uummataa mirkaneessuuf yeroo kamiyyuu caalaa kutannoo guddaan kan hojjetu ta’uu eeraniiru.

Uummannis qaamoolee nageenya booressuun miidhaa geessisan dhabamsiisuu irratti gahee isaa bahuu akka qabu gaafataniiru.

Dabalaa Taaddasaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.