Weerara Lafa Oromiyaarratti rawwatamaa jiru ittisuuf hojjetamaa jira jedhame
Finfinnee, Amajjii 13, 2015 (FBC) – Abbaan Alangaa Waliigalaa Oromiyaa weerara lafaa Naannoo Oromiyaatti raawwatamaa jiru dhaabsiisuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.
Hogganaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo, cabiinsa seeraa fi rakkoo malaanmaltummaa keessaa bahuuf, dhaloota naamusaa fi jaalala biyyaa qabu horachuun murteessaadha jedhan.
Fedhii namni lafarraa qabuun walqabatee weerarri lafaa bal’inaan Oromiyaa keessattis ta’e, daangaa Oromiyaa dhiibuun raawwatama jira kan jedhan Obbo Guyyoon, Biiroon Abbaa Alangaa Oromiyaa kana dhaabsisuuf hojjechaa jira jedhan.
Malaanmaltummaas ta’e cabiinsa seeraa amma muldhatu, ida’ama yaadaa fi gochaa yeroo dheeraati kan jedhan hogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoon, ittisa isaa irratti hojjechuun murteessaa ta’uu eeraniiru.
Dhaloota amalaa fi naamusa gaariin qaruun barbaachisaa ta’uu himuu isaanii OBN gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.