Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti baatiwwan 6’n darban daandiin kiiloomeetirri 413 hojjetame – BDLO

Finfinnee, Amajjii 13, 2015 (FBC) – Oromiyaatti baatiwwan 6’n darban daandiin kiiloomeetirri 413 hojjetamuu Biiroon Daandiiwwanii fi Lojistiksii Oromiyaa beeksiise.

Biirichi barana daandii kiiloomeetira kuma 2 fi 650 hojjechuuf karoora qabachuu ibseera.

Naannoo Oromiyaatti uwwisa daandii kiiloomeetira kuma 58 ture bara 2015tti kiiloomeetira kuma 61fi 635tti ol guddisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Daandii bara darbe turerratti kiiloomeetira kuma 2fi 650 dabaluuf karoorfamee hanga ammaatti kiiloomeetirri 413 qofti raawwatamuu Hoggantuun Biiroon Daandiiwwanii fi Lojistiksii Oromiyaa Injiinar Heelan Taammiruu ibsaniiru.

Bara kana sagantaa waliinga’iinsa daandii baadiyyaatiin kiiloomeetira kuma 1 fi 931 hojjechuuf karoorfamee hanga ammaatti kiiloomeetirri 373 raawwatamuu dubbatanniiru.

Sababa hanqina dhiyeessii Simmintoon raawwiin karooraa gadi ta’uu kaasaniiru.

Maddi:- DhPI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.