Nageenyaa fi tokkumma keenyaa haqa qabeessummaa fi jalaalaan ijaaruu qabna-Abuune Maatiyaas
Finfinnee, Amajjii 11, 2015 (FBC)- Nageenyaa fi tokkumma biyyattii haqa qabeessummaa fi jalaalaan ijaaruu qabna jechuun Paatiriyaarkiin Mana Amntaa Ortodoksii Taawaahidoo Ityoophiyaa Abuune Maatiyaas dhaaman.
Abuune Maatiyaas Ayyaana Cuuphaa Finfinneetti kabajamaa jirurratti ergaa dabarsaniin, baga ayyaana cuuphaa geessaan jedhaniiru.
Yesuus Kiristoos dhala namaa cubbuu jalaa baraaruuf kan ergame waan ta’eef, dhalli namaa ammoo duudhaa amantaan barsiisu hojiiraa oolchuu qaba jedhan.
Kanaan dura kan ta’e hunduu ta’ee darbuu kan yaadachisan Abunni Maatiyaas, yeroon ammaa yeroo abdiin itti lalisu, kan cabee fi diigamee kan itti suphamu, kan dabee kan itti qajeelu, nageenyaa fi tokkummaa, haqa qabeessummaa fi jalaalaan yeroo ijaaruu qabnuudha jedhaniiru.
Kanaafis, lammiileen biyya keessaa fi alaa, qajeelummaan, jaalalaa obbolummaan ajaajmuun akka hojiirra oolchaan imaanaa jechuun gaafataniiru.
Ayyaanichis nagaa fi jaalalaan akka kabajamuu kan tumsan hundaa galateeffataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.