Fana: At a Speed of Life!

Qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf hojjetamuu akka qabu ibsame

Finfinnee, Guurraandhala 27, 2012 (FBC) – Qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf diinaagdee waliigalaarratti hojjetamuu akka qabu ogeeyyonni diinagdee beeksisan.

Daballii gatii shaqaxootaa fi qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf diinagdee waliigalaarratti hojjetamuu akka qabu ogeeyyonni diinagdee ibsaniiru.

Ogeeyyonni kanneen turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin, qaala’iinsi jireenyaa kan dabaleef sababni fedhiin bittaa tajaajilamtootaa fi dhiyeessiin gabaa waan wal hin simneef ta’uu himaniiru.

Obbo Waasihuun Balaayii fi Dooktar Nigusee Simeen gabaarratti ammeentaan maallaqaa guddachuu fi ammeentaan oomishaa xiqqaachuun daballiin gatii akka uumamuuf sababa jedhaniiru.

Kanarra darbees biyyattiitti rakkoo nageenyaa mudatuun wal qabatee daballiin gatii taasifamu, dhiibbaa guddaa qabaan dubbataniiru.

Mootummaan daldala alaa tumsuuf tarkaanfiin fudhatu, teeknooloojiiwwan liqaa alaan hojjetan guyyaa qabameefitti xumuramuu waan hin dandenyef dabballi gatii irratti dhiibbaa ni qabaatu jedhaniiru.

Daballiin gatii kun sababoota kanneenii fi kanneen kana fakkaataniin %20 irraa kan ga’e yoo ta’u, bara kana keessa guddinni baatiiwwan murtaa’aan keessa mul’ate waggoottan shanan darbanitti mul’atee kan hin beekne ta’uu himaniiru.

Rakkicha furuuf hojiin fedhii irratti xiyyeefate dhiyeessii diinagdee waliin akka wal gitu taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabus dhaamaniiru.

Kanaafis qonna teeknooloojii dhugoomsuu, misoomawwan jallisii qabatamaan hojirra olchuu, akkasumas damee oomishichaarratti xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu dubbataniiru.

Dabalataan daballii gatiif shoora kan qabu sirna gabaa biyyattii xiinxaluu, abbootii qabeenyaa tajaajila dhunfaa damichaa irra darbee invastimantii irrati hirmaachisuu fi nageenya biyyattii eegsisuu irratti xiyyeeffannoo kennuun qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuun akka danda’amu yaadachiisaniiru.

Awwal Abarraatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.