Ayyaanni Cuuphaa mallattoo qulqullummaafi dhiifamaa taโee waggaa waggaan yaadatama-Aadde ๐๐’๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐ฎ๐ซ๐๐ก๐ฆ๐๐๐ง
Finfinnee, Amajjii 10, 2015(FBC)- Afyaaโiin Caffee Oromiyaa Aadde ๐๐’๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐ฎ๐ซ๐๐ก๐ฆ๐๐๐ง Ayyaana Kataraafi Cuuphaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.
Ayyaanni Cuuphaa hordoftoota amantaa kiristaanaa biratti Kiristoos Laga Yoordaanusitti guyyaa itti cuuphame yaadachuuf kan kabajamu ta’uu eeruun, mallattoo qulqullummaafi dhiifamaa taโee waggaa waggaan yaadatama jedhan.
Guutuun ergaa isaanii akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Kabajamtoonni Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa, Baga Ayyaana Cuuphaa Bara 2015 Nagaan Geessan. Ayyaanni Cuuphaa, hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti Kiristoos Laga Yoordaanusitti guyyaa itti cuuphame yaadachuuf ayyaana kabajamu yommuu taโu, mallattoo qulqullummaafi dhiifamaa taโee waggaa waggaan yaadatama.
Ayyaana kana irratti, ummanni heddumminaan bahee wayita waliin kabaju duudhaalee waldandaโuu qabnu cimsuun, hariiroo waliin jireenyaa tokkummaa keenyaan jabeessaa, aadaan wal bira dhaabbachuu, harka qalleeyyii deeggaruufi waliif birmachuu qabnus duudhaa keenya ganamaafi qabeenya guddaa rakkoo ummata keenyaa ittiin hiiknudha. Kanaaf, lammiilee keenya yeroo ammaa sababa hongeen deeggarsa barbaadan cinaa dhaabbachuun aantummaa qabnuuf akkuma kaleessaa qabatamaan agarsiisuu qabna.
Ummanni keenya, mootummaa isaa cinaa dhaabbatee hojiiwwan misoomaafi galmoota gurguddoo imala keenya dhugoomsan qabannee hojjechaa jirru milkeessuu keessatti kaleessa qooda olaanaa fudhachuun bahachaa tureera. Harโas, hojiiwwan hojjennu hunda keessatti tumsi ummata keenyaa murteessaadha. Kanaaf, hirmaannaa gama kanaan qabnu cimsaa, nageenya qeโeefi naannoo keenyaa mirkaneessuu keessattis qooda keenya adda durummaan bahachuu akka qabnun dhaama.
Caffeen Oromiyaas, qaama sagalee ummataan hundaaโeefi bakka buโummaa ummataa fudhatee hojjechaa jiru waan taโeef, itti gaafatamummaa dachaa akka qaama mootummaattis taโe, akka bakka buโaa ummataatti qabu bahachuun aantummaa ummata isaaf qabu yeroo kamiyyuu caalaa kan mirkaneessu taโuun ibsa.
Dhumarrattis, hojiiwwaniifi galmoota gurguddoo qabannee hojjechaa jirru hirmaannaa ummata keenya balโaan deeggarree injifannoowwan kaleessa galmeessine, hojii keenya boruuf galtee guddaa godhannee, guddina biyyaafi naannoo keenyaa saffisiisuu akka qabnu carraa kanaan dhaamsakoo dabarsa. Ayyaanni kun kan milkii, gammachuufi jaalalaa akka isiniif taโuu hawwiin qabu ibsaa, irra deebiโuun Baga Ayyaana Cuuphaa bara 2015n isin gahen jedha.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa buโaa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.