Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Burtukaan gita isaanii Baahireen waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2012 (FBC) – Jilli Ministir Deettaa Dhimma Alaa FDRI Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon duurfamu ministir deettaa Dhimma Alaa Baahireen Dooktar Sheehaa Raanaa Biint Iisaa Al Kaliifaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaanitiin bu’uura muummeen ministira Dooktar Abiy Ahimad lammiilee Ityoophiyaa giddugala bahaa jiraataaniif waadaa galaniin waajjirri waliigala qoonsilaa Baahireen Maanaamaatti akka banamu mootummaan Baahireen haala akka mijeessu gaafataniiru.

Biyyattiitti sababa garagaraan lammiilee eeyyama jireenyaa hin qabneef eeyyama jireenyaa fi hojii akka argataniif haalli akka mijaa’uf, akkasumaas Baahireen waliin mallatteeffamuu kan eegale sanadni waliigaltee bobbii hojjettootaa ariitiin akka xumuramuu fi haala raawwii isaarratti haala akka mijeessan gaafataniiru.

Mootummaan Baahireen mirga lammiilee Ityoophiyaa eeguuf carraqqii taasise galateeffachuun; Baahireen Maanaamaatti yeroo dhiyoo as eeyyama jireenyaa seeraa jechuun lammiileen Ityoophiyaa hidhaman dhimmi isaanii ariitiin furmaata argachuu akka qabus kaasaniiru.

Dabalataan, dhaabbileen amantii lammiilee Ityoophiyaa Baahireen jiraataniin kan hundeeffame, seera biyyattiin galmaa’uun beekkamtiin akka kennamuu fi bakkeen waaqeffannaa akka laatamuuf akkasumas daa’imman lammiilee Ityoophiyaa itti baratan manni barumsaa hawaasaa akka banamuu fi beekkamtii akka argatan gaafataniiru.

Ministir deettaan Dhimma Alaa Baahireen Dooktar Sheehaa Raanaa Biint Iisaa Al Kaliifaa gaaffiiwwan ka’aniif xiyyeeffannoo kennuun qaamolee dhimmi isaan ilaallatu waliin mari’achuun waan barbaachisu hunda akka raawwatan waadaa galaniiru.

Dhimmoota hariiroo Ityoophiyaa fi Baahireen cimsuu danda’u irrattis mari’ataniiru.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.