Fana: At a Speed of Life!

Malaammaltummaarratti sochiin bifa haaraan eegaluun bu’aa fideera – KFMO

Finfinnee, Amajjii 10, 2015 (FBC) – Malaammaltummaarratti sochiin bifa haaraan eegaluun bu’aa jajjabeessaa argamsiisaa jiraachuu Koreen Farra Malaammaltummaa Oromiyaa ibse.

Korichi hojiilee hanga ammatti hojjetame ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laateera.

Oromiyaatti namoonni yakka malaammaltummaan shakkaman 341 himatamuu ibseera.

Koreen farra malaammaltummaa adda addaa hundaa’uun hojii hojjetaa turee bu’aan jajjabeessan argamuu miseensi koree farra maalaammaltummaa fi Komishinarri Komishinii Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Obbo Abdallaa Oogatee ibsanii jiru.

Malaammaltummaan taatee walxaxaa ta’uu isaatiin hirmaannaan hawaasa bal’aa murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Hawaasni ragaa dhugaa irratti hundaa’uun odeeffannoo kennaa tureen bu’aan argamaa jiraachuu Komishinar Abdallaan himaniiru.

Eeruu 61 dhiyaatanii keessaa eeruun 30 calalamee gara itti aanutti kan darbee fi galmeen 106 himannaarra jiraachuu dubbataniiru.

Galmee 46 irratti himanni banamuu miseensi koree farra malaammaltummaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo ibsanii jiru.

Erga koreen kun hundaa’ee namoonni 341 himatamuu ibsanii jiru.

Eeruu dhufaa jiru hordofee qabeenyi mootummaafi uummataas deebi’aa jiraachuu eeraniiru.

Hawaasni duula hanna irratti taasifamaa jiru tumsuu akka qabanii fi hattoota saaxiluu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Bahayiluu Baaneetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.