Pireezidaanti Saahilawarqi adeemsa deebisanii dandamachiisuu irratti dureewwan misiyoonaa gahee olaanaa akka bahatan waamicha dhiyeessan
Finfinnee, Amajjii 9, 2015 (FBC)- Dureewwan misiyoonaa, hojiilee deebisanii dandamachiisuu fi ijaaruu biyyattiin gaggeessitu keesssatti dureewwan misiyoonaa gahee olaanaa waan qabaniif itti gaafatama kana ga’umsaan akka bahatan Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen waamicha dhiyeessan.
Pireezidaanti Saahilawarqi afeerraa irbaataa ambaasaaddarootaa haaraa fi kanneen duraan turanirratti argamuun qajeelfamaa hojii kan kennan yoo ta’u, biyyattii qormaata mudateen ceesisuuf carraa nageenyaa murteessaa uumuun hojiirra oolchuuf hojiitti seenuu ibsaniiru.
Biyyattiitti mudatee kan tureen lammiilee rakkoof saaxilaman deeggaruu fi qabeenyaalee manca’an deebisanii ijaaruuf tattaaffii taasifamu keessatti Ambaasaaddaroonni hirmaannaa adda duree akka taasisan qajeelfama kennaniiru.
Pireezidaanti Saahilawarqi rakkoo kessoo Ityoophiyaa fi dhiibbaan idil addunyaa wayita mudateenii ture gaheen ambaasaaddaroonni bahatan kan dinqisiifatamu ta’uu ibsuun, itti gaafatamanii bahatan kan hindagatamne ta’uu kaasaniiru.
Fuuldurattis, faayidaan biyyaalessaa fi Ityoophiyaa akka eegamu mootummaan kallattii mootummaan kennuuf hordofuun ergama isaanii akka bahatan hubachiisuu ragaan Waajjiraa Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.