Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Abdullahakiim Muluun durfamu aanaa Tokkee Kuttaayeetti Kilaastera Oomisha Qamadii Jallisii daawwate

Finfinnee, Amajjii 8, 2015 (FBC) – Jilli sadarkaa itti aanaa pireezidaantiitti hogganaa kilaastera hawaasummaa naannoo Oromiyaa Obbo Abdullahakiim Muluun durfamu Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee Kuttaayeetti Kilaastera Misooma Qamadii Jallisii daawwateera.

Birmadummaafi bilisummaan biyya mirkanaa’uu kan danda’u misoomaan yoo jijjiiramne jedhan Obbo Abdullahakiim.

Qonna Makaanaayizeeshiniin deeggaruufis dhiyeessii barbaachisu hundaaf mootummaan qophiidha jedhan.

Godina Shawaa Lixaatti lafa hektaara kuma 58 ol Qamadii jallisii Boneen faca’ee jirurraa callaa kuntaalli miiliyoonni 2 ol kan eegamu ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Lixaa Obbo Tarrafaa Araarsaan himuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.