Kongiransiin Filannoo Atileetiksii Riijinii Afrikaa Bahaa miseensota Koree Hojii Raawwachiistuu filate
Finfinnee, Amajjii 7, 2015 (FBC) – Kongiransiin Filannoo Atileetiksii Riijinii Afrikaa Bahaa miseensota Koree Hojii Raawwachiistuu waggoota 4’n dhufan riijinicha hogganaan guyyaa har’a filateera.
Bu’uuruma kanaan Jeneraal Jaaksan Tiiwii Keeniyaarraa Pireezidaantii ta’uun yoo filataman, Doominiik Utuusiit Ugaandaarraa Ittaanaa Olaanaa Pireezidaantii ta’uun filatamaniiru.
Gargaartuun Komishinaraa Daraartuu Tulluun ammoo ittaantuu Pireezidaantiifi miseensa Mana Maree Konfedereeshinii Atileetiksii Afrikaa ta’uun filatamaniiru.
Dooktar Injinar Siidiiq Ibraahiim, Barreessaa Olaanaa riijinichaafi Miseensa Mana Maree Konfedereeshinii Atileetiksii Afrikaa ta’uun filatamuu ragaan Federeeshinii Atileetksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.