Dubartoota saayinsii fi teeknooloojiin gahoomsuu qabna- Pireezidaanti Shimallis
Finfinnee, Amajjii 4, 2015 (FBC) – Dubartoota utubaa hawaasaa ta’an barnootaan cimsuun saayinsii fi teeknooloojiin gahoomsuu qabna jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Biiroon Barnootaa Oromiyaa sagantaa cufiinsa dorgommii barattoota shamarranii manneen barnootaa bultii addaa naannoo oromiyaa,magaalaa Finfinnee Waajjira Pireezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti geggeesseera.
Sirna cufiinsichaarratti kan argaman Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo shimallis Abdiisaa, dubartootni utubaa hawaasaa fi dhalootaati; isaan barnootaan cimsuun murteessaadha jedhan.
Dubartootni fakkeenyummaa akka komaandar Daraartuu Tulluu fudhachuun sadarkaa addunyaatti tokkoffaa ta’uuf ciminaan barachuu qabuus jedhan Pireezidaanti Shimallis.
Guyyaan sagantaa barnoota barattoota dubaraa akka guutuu naannichaatti cimee itti fufuu akka qabuus ibsuu OBN gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.