Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 152 olitti shallagaman to’atamuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 3, 2015(FBC)- Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona dhibba 1fi miiliyoona 52 olitti shallagaman to’atamuu Komishiniin Gumruukaa beeksise.

Komishinichi hordoffii Mudde 21-27,2015’tti taasiseen meeshaalee al-ergii Birrii miiliyoona 61.1’tti tilmaamamaniifi meeshaaleen alaa galan Birrii miiliyoona 91.3’tti shallagamu to’atamuu yaadachiiseera.

Meeshaaleen kunneen uffata, boba’aa, beelladoota, meeshaalee elektirooniksii, buna, qorichoota, konkolaattota, meeshaalee miidhaginaa, meeshaalee waraanaa, baala sammuu namaa hadoochuufi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu eerameera.

Meeshaaleen kunneen qindoomina hojjettoota komishinichaa, miseensota poolisii federaalaafi naannolee akkasumas hawaasaan to’atamuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Namoonni meeshaalee kanneen daddabarsaa turan 111fi konkolaattonni 7 to’atamuus ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.