Fana: At a Speed of Life!

Humnoota finxaaleyyiirratti qabsaa’uuf waloon akka hojjetan qondaaltonni Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa fi Amaaraa ibsan

Humnoota finxaaleyyiirratti qabsaa’uuf waloon akka hojjetan qondaaltonni Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa fi Amaaraa ibsan

Finfinnee, Amajjii 3, 2015(FBC)- Humnoota finxaaleyyiirratti qabsaa’uuf waloon akka hojjetan hoggantoonni olaanoo Paartii Badhaadhinaa Naannoolee Oromiyaa fi Amaaraa ibsan.

Waltajjii marii waloo hoggantoota naannoolee Oromiyaa fi Amaaraa mata duree “Obbolummaa sabdaneessa nageenya waaraa fi badhaadhina waloof” jedhuun gaggeeffamaa ture xumurameera.

Xumuramuu waltajjichaa ilaalchisuun Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Amaaraa Girmaa Yeshiixilaa ibsa kennaniiru.

Waltajjii waloo naannoleen lamaan yeroo garaagaraatti taasisaa turaniin, walitti dhufeenyi gama hundaan cimuu, galma gahiinsa hojiilee misoomaaf gaheen naannolee murteessaa ture jedhan Obbo Fiqaaduu Tasammaan.

Finxaalessummaa fi daldala siyaasaa biyya miidhu dura dhaabbachuun, obbolummaa cimsuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.

Naannolee lamaan keessatti ilaalchota fedhii hawaasa giddugaleessa hintaasifanne dhabamsiisuuf hojiileen waloon hojjetamaa turan bu’aa argamsiisuu himaniiru.

Naannoleen lameen rakkoolee uumaman furuun, aadaa waliin jireenya cimsuurratti hojiilee hojjetamaniin bu’a olaanaan argamuu Itti Gaafataamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yeshiixilaa dubbataniiru.

Qormaatileen biyya mudatan injifannoo ummataa argameen biyya baraaruun akka danda’amee fi barbaachisummaa tokkummaa fi obbolummaan hojjechuu itti fufsiisuurratti mari’atamuun ibsameera.

Marii gaggeeffamerratti miidhaa olaanaa waraanicha mudateen ga’an tilmaama keessa galchuun waloon hojjechuun akka barbaachisuu fi hojiin deebisanii dandamachiisuu cimee akka itti fufu mari’atamuun ka’eera.

Sababa ka’umsaa dhabamuu nageenyaa kan ta’aa dhufe fiinxaalessummaarratti qabsaa’uuf waloon dhaabbachuu akka qaban mari’achuun eeramera.

Olaantummaa seearaa mirkaneessuufis ejjennoo waloo qabachuu ibsaniiru.

Baayiluu Baanee fi Habtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.