Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana cuuphaa Baatuutti kabajamu faayidaa tuuriizimii naannichaaf oolchuuf hojjetamaa jira-KMO

Finfinnee, Amajjii 3, 2015(FBC)- Akka Oromiyaatti Ayyaana Cuuphaa haala addaan Magaalaa Baatuutti kabajamurratti taateewwan tuuriizimii raawwataman beeksisuuf qophiin taasifamuu Koomishiniin Tuuriizimii Oromiyaa beeksise.

Akka Oromiyaatti Ayyaanni Cuuphaa magaalota garaagaraatti kabajamus bifa addaan Magaalaa Baatuutti waan kabajamuuf taateewwan tuuriizimiif galtee ta’an beeksisuu fi faayidaa damechaaf oolchuuf, Bulchiinsa Magaala Baatuu waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu Ittaanaan Koomishinaraa Koomishinii Tuuriizimii Oromiyaa Obbo Naggaa Wadaajoon ibsaniiru.

Obbo Naggaan ibsa FBC’f kennaniin, bara darbe Ayyaanaa Cuuphaa Magaalaa Baatuutti kabajameerraatti sagantaalee garaagaraa qopheessuun taateewwan damee tuurizimii naannichaa cimsanii fi beeksisuu danda’an dhiyeessuun bu’aa olaanaan argamuu yaadachiisaniiru.

Dabalataan naannawichi naannawaa sulula guddicha Ityoophiya ta’uun walqabatees hojii beeksisa qabeenyaa hawwata tuuriizimii fi paarkiiwwanii hojjetamuu himaniiru.

Ayyaana Cuuphaa baranaarrattis tuurizimii naannichaaf bu’aa kan buusan hojiin taateewwan naannawaa ayyaanichi kabajamuutti raawwatanirraa galii argamsiisuu fi beeksisuuf, Bulchiinsa Magaalaa Baatuu waliin qophii barbaachisaan taasifamuu Obbo Naggaan kaasaniiru.

Dabalataan xiyyeeffannaa damee tuurizimiif kennamaa jiruun magaalonni hawwatummaa isaanii dabaluurratti hojiilee bal’aa hojjechaa jiraachuu kaasanii, haalota mijatoo babal’isuu fi invastimantii damechaa dabaluuf xiyyeeffatamuu ibsaniiru.

Dabalaa Taaddasaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.