Fana: At a Speed of Life!

Manneen Maree lameen walga’ii addaa waloo guyyaa har’aa ni gaggeessu

Amajjii 3, 2015(FBC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataafi Manni Maree Federeeshinii walga’ii addaa waloo guyyaa har’aa kan gaggeessan ta’uu ibsame.

Manneen maree lameen walga’ii addaa waloo 1ffaa bara hojii 2ffaa gaggeessaniin qaboo yaa’ii baniinsa walga’ii waloo qorachuuniifi raggaasisuun walga’iisaanii kan eegalan ta’uu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa argame ni mul’isa.

Ittaansuun yaada murtoo gaaffii abbummaa taaksii qabeenya irra kaa’amu ilaalchisee Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koree Dhaabbii Dhimmoota Pilaanii, Bajataafi Faayinaansiiniifi Mana Maree Federeeshiniitti Koree Dhaabbii Dhimma Deeggarsaafi Galiiwwan Waloon dhiyaate qoratee kan raggaasisu ta’uu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.