Fana: At a Speed of Life!

Balaa tiraafikaa Godina Harargee Bahaa aanaa Baabbileetti qaqqabeen lubbuun namoota 6 darbe

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2012 (FBC) – Balaa tiraafikaa Godina Harargee Bahaa aanaa Baabbileetti qaqqabeen lubbuun namoota 6 darbuu poolisiin beeksise.

Balichi minibaasii Hararii gara Jigjigaatti imalaa ture konkolaata miila sadii baajaajii magaalaa Baabbiile gara ganda Gammachiisitti imalaa ture waliin walitti bu’uun kan qaqqabe ta’uu komishiin poolisii aanichaa beeksiseera.

Komishinii poolisii aanaa Baabbileetti hogganaan divizhinii kominikeeshinii Komaandar Siyyum Dagafaa akka ibsaniitti balichaan konkolaachisaa Baajaajii dabalatee lubbuun namoota 6 darbeera.

Dabalataan namoota 4 irra miidhaan qaamaa cimaa fi salphaan ga’eera jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.