Naannoo Somaaleetti karooraa fi hojiirra oolmaa bulchiinsa gaarirratti mari’atame
Finfinnee, Mudde 29, 2015 (FBC) – Naannoo Somaaleetti karooraa fi hojiirra oolmaa bulchiinsa gaariii waggoottaan sadan itti aananiirratti godina Eerar magaalaa Fiiqitti mari’atameera.
Maricharratti Pireezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad, itti aanaa Pireezidaantii Obbo Ibraahiim Usumaan dabalatee hoggantoonni naannichaa biroo argamaniiru.
Tajaajila si’ataa fi qaqqabamaa hawaasaaf laachuuf hoggansaarraa hojii guddaan kan eegamu ta’uu kallattiin kaa’ameera.
Haala nageenyaa yeroo ammaa jiru caalmaatti cimsuuf hoggansi hawaasa waliin qindoominaan hojjechuu akka qabu marichaan ka’eera.
Dhaabbileen haqaa yeroo itti aanu tajaajila walabaa fi si’ataa ta’e ummataaf laachuu akka qaban kallattiin kaa’amuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.