Aadde Adaanach hawaasa harka qalleeyyii fi maanguddoota waliin maaddii qoodattan
Finfinnee, Mudde 29, 2015 (FBC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ayyaana Qillee sababeeffachuun hawaasa harka qalleeyyii fi maanguddoota waliin maaddii qoodattaniiru.
Namoota 200 ol ta’an waliin mooraa Waajjira Kantibaa keessatti maaddii qoodataniiru.
Bulchiinsi magaalichaa Ayyaana Qillee sababeeffachuun hawaasa harka qalleeyyii kuma 100 oliif deeggarsa taasiisuu ragaan Waajjira Kantibaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.