Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad Ayyaana Qillee sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Mudde 28, 2015(FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Ayyaana Qillee bara 2015 sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Hordoftoota amantaa kiristaanaa biratti Ayyaanni Dhaloota Yesuus Kiristoos akka jalqabbii araaraatti kan fudhatamu ta’uu ibsaniiru.

Dhaloota isaan dura uumaafi uumama, samiifi lafa, waaqaafi nama gidduuwaldhabdee guddaan waggoottaniif tureera jedhan.

Ayyaanni dhaloota yesuus kiristoos guyyaa itti waaqaafi ilmaan namootaa gidduutti araarri wixineeffame ta’uu ergaa isaaniin addeessaniiru.

Ayyaana kanatti qoqqoodiinsi dhabamsiifamuu, gamtaafi tokkummaan cimuu, hafuurriifi foon, kan bara baraan jiraatuufi du’u, uumaafi uumamni, kan waaqarraafi lafarraa tokko ta’uun misiraachoon labsamuu kaasaniiru.

Dhalachuu Yesuusiin kan adda fagaate walitti dhufuu, kan bade argamuu, kan diigame ijaaramuu, gidirfamni gara araaraatti jijjiiramuun araara bara baraatiin tokko nu taasise jedhan.

Guyyichi uumama waaqarraafi lafarraa gammachuun guutuun magaalaa Beeteliheemitti tokkummaan akka faarfatan taasisuu ibsaniiru.

Dhimmi warreen walirraa fagaatanii jiraatan bakka tokkotti walitti dhufuun tokkummaan akka faarfatan isaan taasise seenaa isaanii garaagaraa kaleessaarra abdiin waloo isaanii ifee waan itti mul’ateef ta’uu addeessaniiru.

Namoonniifi ergamoonni jireenya isaanii kaleessan kan walitti dhufan wantoota muraasaani; seenaan egeree isaanii garuu haaraa, daboon waliin kan hojjetan, waliin kan jiraatan, waloon kan dhaalaniifi jireenya irraa hafaa jiraatan ta’uu addeessaniiru.

Kanaafidha seenaa hunda dhaloota Kiristoosiin waliin walitti hidhuun kan seenessinu jedhan.

Eenyu turte kan jedhurra eenyuun ta’uu barbaadda kan jedhu bu’uura tokkummaa isaaniiti jedhan.

Kan egeree waloon erga qooddatanii kan darbe waliif yaaduun fudhachuun itti hin ulfaatu, egereerratti yoo walii galan kan kaleessaarratti waliifgaluun qormaata isaanitti hin ta’u jedhaniiru.

Seenaa dhala namaa keessatti qoqqoodiinsi kan dhufe sababa malee akka hin taane eeruun, ta’e jedhamee irratti hojjetamuu ibsaniiru.

Hamaan ta’e jedhee sanyii garaagarummaa facaasuu, qoree garaagarummaa biqilchuu, firii diinummaa akka horatu taasisuu eeraniiru.

Diinummaan kun Addaamiin jannataa fonqolchuu, Abeeliin Qaayeliin ajjeesisuu, dacheen qoraattii akka biqilchitu taasisuu, badiinsa bishaanii qaqqabsiisuu, waraanaafi walitti bu’iinsa buusuu eeruun, kanarraa diina malee kan fayyadame kan hin turre ta’uu addeessaniiru.

Tokkummaanis kan dhufe wareegama hedduun ta’uu ibsuun, Beeteliheemii hanga Qaraaniyoo, Dhalootaa hanga fannootti gatii guddaan itti kaffalameera jedhgan.

Ayyaanni har’a kabajnu kan barbaachiseef lammiilee qoqqoodiinsa qofa osoo hin taane diinummaan gidduu isaaniitti akka babal’atuuf hojjetamaa ture tokko taasisuufi jedhan.

Ityoophiyaanonni, egeree Ityoophiyaa fooyyessuuf seenaa dhalootaan walqabsiisuun yoo irraa barannee ni fayyada kan jedhan Muummeen Ministiraa, har’a yaadaa addaa faffaca’uu fi walballeessuun mul’atu amalaa fi calaqqee eenyuummaa nama kamiiyyuu miti jedhan.

Kun bu’aa sanyii yaraa baandaawwan keessaa fi alaa nurratti facaasan ta’uu eeranii, barri amma keessa jirru garuu kan sanyichi facaafamee miti ibsan.

Namoota tokko tokkotti akkas akka fakkatuu fi waqtiin kun kan sanyichi dagagee ija godhate ta’uu eeraniiru.

Makarriin Muddee kan facaafamu Hagayyaa ta’uu namoonni kaleessaa akkas hinturree jedhu jedhan. Sanyichi lafa jalatti biqilaa waan tureef hinhubannee.

Margichi dagaagee miila sakaaluu waan hineegalleef hinrakkannee.

Inkirdadichi baay’atee mataa dhukkubbii ta’uu waan hineegalleef nutti hinbeekamne.

Arangamaan namummaa taraaruu waan hineegalleef addaa hinbaafne.

Qoreen baay’atee miila dhiigsuu waan hineegalleef homaatti hinlakkoofne malee sanyii yaraan biqilaa ture jedhu.

Gara bara, ifa, eenyummaa, boqonnaa haaraatti haa dhufnuu jedhanii, seenaa waloo haaraa wayiita ijaarruu seenaan kaleesaa walii nu galchiisaa waan ta’eef, daandii haaraa wayiita eegallus daandiin kaleessaa walnut hindhabsiisu.

Bara haaraatti wayita qiyyaafannu baroonni darban addaan nu hinfoo’aan. Kaayyoo haaraa qabannee yoo kaane kaayyoon kaleessaa wal nu hinfalmisiisuu jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad.

Gammachuun hunda keenyaa guutuu ta’uu kan danda’ee Yesuus wayitaa dhalateetti ta’uu eeruun, kanaaf dhaabbannee itti haa yaadnu jedhaniiru.

Daandichi Ityoophiyaa harooftuuf kan malu, hunda keenya ga’ee kan irraa hafu, eenyumma haaraa qabannee akka haaraatti dhalachuu ta’uu kaasniiru.

Seenaan darbuu akka hin oollee fi jijjiiramuun akka hinhafne himanii, akkuma urji lakkooftonni Lixaa biiftuurraa dhufanii Masihichaa argatan seena hojjenna moo akkuma Heerodos seenaa balleessuuf qulqullootaarratti albee kaasna? jechaa turan ijoon dubbii himattootaa fi qeeqxota seenaa taanaa laataa? kan jedhuudha jedhan.

Akka ergamtoota qulqullootaa seenaa fi misiraachoo haaraa labsina yookaan akka yihuudota barichaa seenaa darberratti cichinee carraa nuuf dhiyaate tuffiin dhiibna laata? kan jedhuudha.

Gaaffiiwwan kunneen deebii sirrii argachuun, Ityoophiyaan daandii dhalootaa haaraarra imalaa, dhalachuu fayyisaa biyyaa lafaa Yesuus Kiristoos akka kabajjuuf sababa quufsaa taasisa jechuun ayyaana gaarii akka ta’us hawwaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.