Fana: At a Speed of Life!

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan erga baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Mudde 28, 2015 (FBC)- Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan Ayyaana Dhalachuu Yesuus Kiristoos ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ayyaannichi, mallattoo araaraa, nagaa fi jaalalaati jedhaniiru.

Guutuummaan ergaa isaani akka itti aanuutti dhiyaateera.

Kabajamtoonni Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa marti, Baga Ayyaana Qillee Bara 2015 Nagaan Geessan. Ayyaanni kun, hordoftoota amantaa kiristaanaa biratti guyyaa dhaloota Kiristoos yaadachuuf kan kabajamu, mallattoo araaraa, nagaafi jaalalaati.

Ummanni keenyas, ayyaana kana yommuu kabaju, kan qaburraa waliif qoodee gammachuun waliin dabarsa.

Akka biyyaattis, nagaa filannee, araaraafi dhiifamaan harka walqabannee, tokkummaa ummata keenyaa cimsinee, biyya maqaafi seenaa guddoo kaleessa qabdu diinagdeen utubnee ceessisuu qabna miira jedhuun hojii keessa yeroo jirrutti ayyaana kabajaa jirrudha.

Hiyyummaafi booddetti hafummaa dhaloota nu booda jiru dhaalchisuu hin qabnu ejjennoo jedhuun qormaatilee kaleessa hudhanii nu qaban injifannoon ceenee, jijjiirama qabatamaa bu’aa qabeessa ta’e galmeessuun imala keenya itti fufnee jirra.

Jijjiiramni hundagaleessi naannoofi biyyaaf murteessaa ta’e kun, bu’uurri isaa qe’eefi maatii ofii jijjiiruu irraa eegala.

Galma badhaadhinaa qabannee hojjechaa jirru milkeessuuf, nageenyi lammiilee bu’uura milkaa’ina hojiiwwan keenya boruuti.

Daandiin nagaafi araaraa irra jirrus, mariifi marabbaan walitti dhihaannee rakkoo jiru furaa biyya waliin qabnu tumsa waliiniin ijaaruu yoo dandeenye, biyya tokkummaan ummattoota ishee cimee keessatti mul’ate, siyaas-diinagdeen guddatteefi lammiileen ishee nagaafi jaalalaan waliin keessa jiraatan ijaaruu kan nu daangessu tokkollee hin jiraatu.

Caffeen Oromiyaas, hojii bakka bu’ummaa ummataa hojjetu keessatti duudhaaleen ummata keenya akka gabbataniifi dagaagan taasisuu qofa osoo hin taane, siyaas-diinagdeefi hariiroon waliin jireenya ummattootaa gama hawaasummaan qabnus akka cimuufi jabaatuuf ergama bakka bu’ummaa ummataa fudhatee hojjechaa jiru caalaatti milkeessuuf qooda isaa ni bahata.

Ayyaanota ummataa, ummata waliin yommuu kabajnu aadaa dhiifamaa dagaagsuun waliin kabajuun duudhaa keenya ganamaati.

Kan beela’e nyaachisuun, kan daare uwwisuun, kan rakkateef birmachuun, garaa garummaa tokko malee walbira dhaabbannee tokkummaan waliin kabajuun aadaafi safuu ummanni keenya kaleessa qabuufi har’as itti fufee jirudha.

Caffeen Oromiyaa, duudhaaleen ummata keenya deebi’anii akka lataniifi dagaaganiif hojii bal’aa akkuma hojjechaa ture borus, seerota aadaafi duudhaa ummatichaa bu’uura godhatan tumuun aantummaa ummata bakka isa buufateef qabu hojiin kan mirkaneessu ta’a.

Ummanni keenyas, mootummaa cinaa hiriiree nageenya naannoo isaa mirkaneessuu akka qabuufi lammiilee sababa gogiinsaan hongee mudateef saaxilaman cinaa dhaabbachuun deeggaruu akka qabuufi isaan bira dhaabbachuun aantummaa qabuuf akka mirkaneessu waamichakoo dabarsaa, irra deebi’uun hordoftoota amantaa kiristaanaa maraan ayyaanni Qillee kan nagaa, jaalalaa, araaraafi dhiifamaa akka isiniif ta’u hawwiin qabu ibsaa baga jala bultii ayyaana Qilleen isin gahe.

Sa’aadaa Abdurahmaan

Afyaa’ii Caffee Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.