Marii injifannoowwan waloon galmaa’an cimsuu dandeessisu taasisuu hoggantoonni Waajjiraalee Paartii Badhaadhinaa Oromiyaafi Amhaaraa ibsan
Finfinnee, Mudde 27, 2015 (FBC) – Marii injifannoowwan waloon galmaa’an cimsuu dandeessisu taasisuu hoggantoonni Waajjiraalee Paartii Badhaadhinaa Oromiyaafi Amhaaraa ibsaniiru.
Waltajjiin marii hoggantoonni olaanoon naannolee lameenii irratti hirmaatan mata duree “ nageenya waaraafi badhaadhina gama maraa” jedhu guyyoota lamaaf magaalaa Baahir Daaaritti gaggeeffamaa tureera.
Hoggantoonni Waajjira Paartii Badhaadhinaa naannolee lameenii xumura waltajjjichaarratti miidiyaaleef ibsa laataniiru.
Jijjiirama biyyaalessaa fiduu irraa eegalee hanga Badhaadhina hundeessuutti akkasumas jijjiirama biyyaalessaa cimsuuf uummanni naannolee lameenii hariiroo uummattootaaniifi hariiroo hooggansaan gahee olaanaa taphachuu kaasaniiru.
Waltajjichi hojiilee kanaan dura hojjetamaniin injifannoowwan argaman, rakkoolee mudatanfi furmaata isaaniirratti mari’achuun kallattii kaa’uurratti kaayyeffachuu Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Amaaraa obbo Girmaa Yashiixilaan ibsaniiru.
Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan, waltajjichi tokkummaa hoggansaa kan cimsuufi hariiroo uummattootaa guddisuu kan dandeessisu ta’uurratti waliigalamuu eeraniiru.
Uummanni naannolee lameenii badhaadhinaafi misooma biyyaaf waliin hiriiruu, kabaja biyyaaf waliin wareegama kaffaluu eeruun, fayyadamummaa waloo uummataa mirkaneessuuf waliin hojjechuuf murtoo dabarsineerra jechuu EBCn gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.