Fana: At a Speed of Life!

Magaalaan Shaggar Giddugala diinagdee ta’uun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa qaba jedhame

Finfinnee, Mudde 27, 2015 (FBC) – Magaalaan Shaggar, magaalaa giddugala diinagdee, induustirii fi misoomaa taa’uu ibsameera.

Magaalota misoomni ariifataan keessatti mirkanaa’e akkasumas giddu gala diinagdee fi induustirii ta’uudhaan badhaadhina waloo dhugoomsuuf bu’uura ta’an sadarkaa hundatti mirkaneessuuf hojjatamaa jiraachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Magaalaan Shaggaris Giddugala diinagdee ta’uun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu keessatti shoora ol’aanaa qabaachuu eerameera.

Magaalichi jiruuf jireenya hawaasaatiif mijaahina uumuun imala badhaadhinaa ariifachiisuuf sochii qindaa’aa kan eegaluu himameera.

Magaalaan Shaggar loogoo haaraa agsiiftuu eenyummaa uummata Oromoo tibbana ifoomse tajaajilaaf oolchuu eegaluus eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.