Dhaabbatichi hojiirra oolmaa bulchiinsa gaarii qaamolee raawwachiistotaa mootummaa hordofuuf qophii ta’uu beeksise
Finfinnee Mudde ,27 (FBC)- Dhaabbanni Abbaa Gaar Uummataa Ityoophiyaa hojii hojiirra oolmaa bulchiinsa gaarii qaamolee raawwachiistotaa mootummaa hordofuuf qophii ta’uu beeksiseera.
Hojii bulchiinsa gaarii qaamolee raawwachiistotaa mootummaa safaruun, sadarkaan adda baasuuniifi beekkamtii kennuun bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf murteessaa ta’uu dhaabbatichi eereera.
Waajjiraalee ministeerotaa 22 keessaa 15 irratti hojicha kan eegalu ta’uu ibseera.
Yeroo itti aanutti hojichi qaamolee raawwachiistotaa mootummaa federaalaa, naannoleefi bulchinsota magaalaa hunda keessatti hojiirra kan oolu ta’uu eerameera.
Hojichi miidhaa bulchiinsaa ittisuu kan dandeessisu ta’uu ibsameera.
Dabalataanis seerota kanaan dura turaniifi hojimaatilee haaraa diriirsuuf hordoffichi barbaachisaadha jedhame.
Meeroon Mulugeetaafi Salamoon Yittaayyawutu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.