Buusaa Gonofaan ji’oottaan 6‘n darbanitti miseensoota miiliyoona 5.1 horachu ibse
Finfinnee Mudde ,27 (FBC)_ Dhaabbanni Buusaa Gonofaa Oromiyaa ji’oottaan 6‘n darbanitti miseensoota miiliyoona 5.1 horachuu ibseera.
Dhaabbatichi miseensota miiliyoona 6.1 horaachuuf karoorfatee miseensoota miiliyoona 5.1 horachu Hogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Musxafaa Kadir Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.
Buusaa Gonofaa hundeedhaan cimsuu fi madda galii isaa guddisuuf sochiin lammii hundi miseensaa akka ta’uuf eegalamee cimuu itti fufuu kaasaniiru.
Dhaabbatichi sadarkaa biyyaa fi Addunyaatti beekkamti akka argatuuf hojiileen gurguddoon hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Buusaa Gonofaan lammiileef deeggarsa kan taasisu erga rakkoon mudatee qofa osoo hin taane, hojiilee dursanii qaqqabuu irratti xiyyeeffanoon hojjechaa jiraachuus Obbo Musxafan ibsaniiru.
Gama biraatiin deeggarsi qaamoleen tokko tokko gama miidiyaa hawaasummaa fi dhunfaan lammiileef taasisan kan dinqisiifatamu ta’uu ibsuun, sochiin akka kanaa lammiin lammii bira dhaabbachuu kan agarsisu ta’uu eeraniiru.
Qaamooleen kunneen Busaa Gonofaa waliin qindoominaan hojjechuun lammii isaaniif deeggarsa barbaachisu qaqqabsisuu akka danda’an dubbataniiru.
Buusaa Gonofaan qaamolee kanneen waliin hojjechuu akka barbaduu yaadachiisaniiru.
Qaamooleen lammii isaanii deeggaruuf meeshaalee garaagaraa walitti qabaa jiran ummataa isaaniif wayita qaqqabsiisan buusaa gonofaan beekkamtii kennuufiin deeggarsa taasisuu akka barbaadu ibsaniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.