Yuunivarsiitiiwwan garaagaraatti mariin hayyoota gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Mudde 26, 2015 (FBC)- Mata duree “Gahee hayyootaa ijaarsa biyyaaf” jedhuun yuunivarsitiiwwan garaagaraatti mariin hayyootaa gaggeeffamaa jira.
Haalumaa kanaan mariin kun Yuunivarsitii Jimmaatti kan gaggeeeffame yoo ta’u, hayyoonnii fi barsiisoonni yuunivarsitichaa argamaniiru.
Marichaan qormaatilee biyya mudatanii fi injifannoowwan dameewwan garaagaraan galma’an irratti ibsi kennameera.
Waltajjicharrattis Gorsaan Imaammata Dhimma Alaa Muummee Ministiraa Obbo Addisuu Araggaan, mootummaan dhibbaa keessaa fi alaa dandamatee biyyi akka itti fuftu taasisuu himan.
Kana keessatti gaheen hayyootaa olaanaa akka ture eeranii, ammas sochii misoomaa fi nageenya mirkaneessuuf taasifamaa jiru keessatti hayyoonni gahee isaanii bahachuu qabu jedhan.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasan, misooma hunda galeessa mirkaneessuuf jijjiramaan booda rifoormiiwwan hojiirra oolan bu’aa argamsiisaa jiraachuu himaniiru.
Hojmaata badaa dhaabbiilee mootummaa keessatti mul’atan hambisuu keessatti gaheen hayyootaa olaanaa ta’uu kaasaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti mariin hayyootaa gaggeeffameera.
Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataatti Waamaan Mootummaa Obbo Tasfaayee Beeljigee waltajjicharratti akka jedhanitti, guddina biyyaa keessatti gaheen hayyootaa olaanaa ta’uun biyyoota guddatanirraa kan baratamu ta’uu fi Ityoophiyaanis hojiirraa oolchuu akka qabdu kaasaniiru.
Misoomaa fi guddina biyyaa mirkaneessuuf dhalootarraatti hojjechuu akka barbaachisuu kan kaasan ammoo Pireezidaantii Yuunivarsitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa Dooktar Lammii Guutaa, kana keessatti gaheen hayyootaa qooda olaanaa akka qabu himaniiru.
Muktaara Xahaa fi Minaalee Gabayyootu gabaase
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.