Ityoophiyaatti hoggantoonni Waldaa Qaxxaamura Diimaa Maqalee galan
Finfinnee, Mudde 26, 2015 (FBC) –Jilli Ityoophiyaatti Hoggantoota Waldaa Qaxxamura Diimaa Pireezidaantii waldichaan durfamu magaalaa Maqalee galeera.
Jilli Obbo Abarraa Tolaan durfamu kun wayita Buufata Xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa ga’u naannoo Tigraayitti Walitti qabaa Boordii Damee Qaxxaamura Diimaa Yemaanee Zara’ayi dabalatee hoggantoota damichaan simannaan taasiifameefira.
Jilichi turtii isaan Waajjira Damee Waldichaa waliin walharkaa fuudhinsa Konkolaattootaa kan taasiisu ta’uu Ragaan Ityoophiyaatti Waldaa Qaxxaamura Diimaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.