Lammiileen Biraaziil Mootii kubbaa miilaa isaanii Peelee kabajaan gaggeessaniiru
Finfinnee, Mudde 25, 2015(FBC)- Lammiileen Biraaziil mootii fi urjii kubbaa miilaa isaanii Peelee kabajaan gaggeessaniiru.
Peeleen dhibee kaansarii mar’imaaniin dhukkubsachaa turee Kamisaa darbe du’aan boqochuu isaa hordofee lammiileen Biraaziil kumaatamatti lakkaa’aman sirna awwaachaa isaaf kabajaa qabaniif ibsuun gaggeessaniiru.
Mararfannaan Peelee faarsuun dinqisiifannaa qabaniif kan ibsan lammiileen kunneen, saanduqa reeffaa banamee qaqqabaa darbuun kabaja qabaniif argisiisuu miidiyaaleen addunyaa garaagaraa gabaasaniiru.
Sirna awwaalchaa isaa dursuun kabajaan gaggeessuuf lammiileen biyyattii ganama sa’aatii 12:00 irraa eegalanii hiriiruun eegaa turaniiru.
Yeroo sadii Waancaa Addunyaa injifachuun seenaa kan hojjete Peeleen bara Faranjootaa 2021 eegalee wal’aansa kaansarii mar’imaanii hordofaa turuun umrii waggaa 82ffaa isatti du’aan boqochuun ni yaadtama.
Boqochuu isaa hordofees mootummaan biyyattii guyyaa sadii guyyaa gaddaa biyyaalessaa labseera.
Gaggeessaa kabajaa erga taasifameen boodas maatiin isaa qofti bakka argamanitti sirni awwaalchaa Peelee ni raawwata jedhameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.